|
Imimmaan
Haadhaa
Aarsaa abbaa
Booree ilmaa
Dirqama dhalootaa
“ Imimmaan haadha…
keetii qo…qoorsuu…f…ba.…barbaachan...
jalqabe itti fufi!” sagaleen dhiphina
guddaa keessaa madde gola yaadannoo sammuu isaa
keessaa kilisee dhanna isaa guutuu weerare.
Ija isaa suuraa abbaa isaa irraa osoo hin buqisin
sagalicha xiinxaluu itti fufe. “imimmaan
Haaha…. keetii qo…qoorsuu…f…..ba…barbaachan
jalqabe…. Itti fufi!” sagalichi
ammas addaan cicitee, iccita guddaa of teellaa
hiriirisee sammuu isaa keessaa iyye. |
Boquu isaa suuta gamanaa fi gamasitti
gagalagalchee naannnoo isaa do’ate. Namuu hin
jiru. Dafaqi illee isaa lachuun toora galee yaa’e.”
********************************
“….Abbaan kee mana hidhaatii erga ba’ee
booda obboloota kee barbaacha utuu jooruu Dargiin
‘wanbadee’ gargaarta’ jedhee halkaniin
ukaamsee fudhatee, achumaan galaafate. Abbaan kee
boqotee waggaa tokko booda mootummaan Dargii kufe.
Obbolootni kee waraana Dargii ajjeesanii bosona galan
lubbuun jiraachuu isaanii yeroo sanan dhaga’e
“ijoolleen koo qe’eetti naaf deebi’an,
egaa sichoo nan qabaneefadhe’ jedheen gammade.
Garuu akkan yaade hin taane. Abdii argadhu iyyuu yaadni
isaanii sammuu koo na gubee halkanii fi guyyaa imimmaan
koo dhangalaasa. Egaa barbaacha abbaan kee itti fufi
siin jedhe isa kana Dhugaasaa koo” jettee, akka
nama ba’aa obaafatee afuura dheeraa baafatte.”
*****************************
“Murtii isaa dhumaa irra ga’uuf sammuu
ishii wajiin walaansoo isa murteessaa keessa seente.
Biliisee. “Eee…ci! Dabeettii! Kana booda
maal eegada? Carraan ati mirga kee kabachiifachuuf
qabdu dhiphachaa jiraam. Sii galaa?” ittiin
jedhe sammuun ishii. Golgaa saqixee gara alaa ilaalte.
Mooraan mana isaanii namoota qophii cidhaa irratti
wal qabaniin dhiphateera. “ fiigi! Fiigii! Teellatti
hin deebi’in. kaadhu!.” …….“
dhisi lakkii? warra kee qaaniif dabrsitee hin
laatinii!. Ofittoo hin tayinii!” sammuu ishii
yaadoota wal faallesaniin darbaa jeeqame. Kan qabattee
kan dhiiftu walaalte.
Kakuu jaalalaa ishiin Dhugaasaaf seente ammoo dabaree
isaa sammuu ishii keessa naana’e. Laga mi’aa.
Bakka Gadaa. Bakka waadaa. Iddoo kakuu. Iddoo bokkuu.
Kakuu qabdi. Isaa
wajjin. Dhugaa wajjin. Garuu guyyaan isaa dhiyaachaa
jira. Guyyaa warri ishii dabarsanii akka hoolaa ishii
gurguran. Imimmaan xiiqii maddii ishii irra toora
galee dhangala’e. Bakka jirtu dhaabbattee xiqqoo
akka yaadneen tasa jabina guddaan keessa isheetti
uumame. Ni murteeffatte. Murtii isa dhumaa. …..
Dallaa mana isaanii gara alaatti baasu irra gargaarsa
Magartuun yaabattee gurra isheetti jeette hasaastee
waa itti himtee dallaa allaatti utaalte. ….
Xiqqoo akka deemteen of irra galagaltee gara mana
isaanii ilaalte. Qaroon ishii imimmaaniin waan haguugameef
sirriitti itti hin mul’anne. Itti dhiftee osoo
hin mamin fiigicha keessaa fuute. Gara fuulduraatti.”
**************************************
« Nu maal hin taanee? Aadaa fi dudhaa eenyummaa
keenya ibsu akka jibnu nu taasisan. Aadaa mataa keenyaa
akka cubbutti akka lakkoofnuuf nu qaraasisan. Nu maal
hin taanee?. Warri nuun kana barisiise ofii isaaniif
aadaa mataa isaanii dhaloota irraa gara dhalootatti
dabarfachaa jiru. Kana
qofaa miti. Nuti kan keenya erga gannee booda aadaa
isaanii akka leelifnuu fi itti jirannu nu godhaniiru.
Keenya ka ganamaa sammuu keenya keessaa dhiqanii baasan.
Kan isaanii itti waraabatan. Nu maal hin taanee? Safuu!.
Birraan garuu har’as yeroo isaa eegatee ni dhufa.
Maaltu beekaa aadaa fi
dudhaan keenyas guyyaa tokko du’a mo’atee
ka’a ta’aam. »
*********************************************
Dhugaasaan bitaa fi mirga ilaalaa, marshii jijjiiraa
harka tokkoon ammoo bilbila gurra isatti qabatee “hadhoo
koo hin yaadayin maaloo. Hojii ariifachisaan waan
na quunameef gara waajiraa deemuun qabaa. ”
ittiin jedhe sagalee sosobbiin.
“Hojichi bor hin ga’uu Dhugaasa. Maaloo
kottuu boqodhu!” irra deebitee kadhatte Caaltuun.
Sagalee Ishii dhipina keessaa maddu dhaga’aa
yeroo Hooteela Raa’ bira ga’u konkolaataan
duduuba isaatii dabartee gamoo fuulee waajira ol-aanaa
Baankii Daldalaa Itoophiyaa jiru fuullee dhaabachaa
turte, daandii qaxamura irraa kaattee humna cimaan
konkolaataa Dhugaasaa karaa fulduraa haleelte. Rukuttaa
cimaa kanaan konkolaataan Dhugaasaa of irra gagalagalte.
|